Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Lammiiwwan Ertiraa Itiyoophiya Keessa Jiran Hanqina Gargaarsaan Rakkachaa Akka Jiran Iyyataa Jiru


ETHIOPIA-ERITREA-REFUGEE
ETHIOPIA-ERITREA-REFUGEE

Baqattonni lammii Eertiraa mooraa baqattotaa bulchiinsaa naanoo Amaaraa godina Gondor kibbaa, aanaa Daabaat, bakka Aleemwaac jedhamu keessaa qubatanii jiran kuma 15 ol ta’an hanqinaa nyaataa fi dhabiinsaa tajaajila jireenyaa issaniitif barbaachisaa ta’aniin rakkachaa jiraachuu isaanii ibsanii jiru.

Haalli nageenyaa mooraa keessaa fi naannoo moorichaa jiru hedduu yaaddessaa akka ta’e fi yaaddoo isaanii kanas mootummaan akka furuu ykn akka biyya isaaniiti isaan deebisuu gaafacha jiraachuu isaanii baqattonni gabaasaan Sagalee Amerikaa Gebremikaa’el Gebremedihiin haasofsiisee ibsanii jiru.

Komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa mooraa baqattootaa kanatti argamuudhaan rakkoowwan jiran addaan baasee dhaabaataa mootummaa Tajaajila Baqattootta fi Wareen Baqaa irraa Deebi’aniif kennuu isaa ibsee jira.

Tajaajilii Baqattootaa fi Warren Baqannaa irraa Deebi’anii gamaa isaatiin baqattoota Eertiraa gargaaruun dhimmaa dhaabbilee adduunyaati malee kan mootummaa Itiyoophiyaa qofa mitii jedhee jiraa.

Dhaabbanii mootummootaa gamtomanii dhimma baqattootaa irratti hojjatu UNHCR dhaabileen gargaarsa namoomaa hanqinaa maallaaqaa qabaachuun isaanii rakkina kan umeera jechuudhaa dhimmaa kanaaf deebii Emeeliidhaan kenneen beeksisee jira.

Dhaabanni Sagantaa Midhaan Nyaataa Adduunyaa /WFP, Komishiinin Olaanaan Dhimma Baqatootaa/ UNHCR fi Tajaajilii Baqattootaa fi Wareen Baqaa irraa Deebi’anii kan mootummaa Itiyoophiyaa dhiheenya kana ibsa waloodhaan baasaniin Itiyoophiyaa keessaa baqattonni kuma 700 fi kuma 50 jiraachuu isaanii ibsanii wareen kanaaf gargaarsaa gahaa taasisuudhaaf doolaaraa Miiliyoonii 73 akka isaan barbaachisuu himuu isaanii Gebremikaa’el Gebremedihiin gabaasee jiraa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG