Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootumman Itiyoophiyaa fi ABUT Dhimma Marii Nageenyaa Irratti Walbalaaleffanaa Itti Fufanii Jiru


 Faayilii-Dubbi himaa ministrii dhimma alaa Itiyooophiyaa Melles Alem
Faayilii-Dubbi himaa ministrii dhimma alaa Itiyooophiyaa Melles Alem

Wal waraansii kaabaa Itiyoophiyaa irraa deebi’amee erga jalqabamee ji’aa lammafaadhaaf yemuu deemaa jiru kannatti haanga’onni mootummaa Itiyophiyaa fi haanga’onni ABUT quba waltii qabuudhaa fi wal balaalleffachuu itti fufanii jirru. Wal dhaabiinsicha mariidhaan hiikuu irratti ejjannoo mootummaa Itiyoophiyaa ilaalchisee kamsa har’aa ibsa kan kennan dubbi- himaan ministeeraa dhimmaa alaa Itiyoophiyaa Ambaasadar Melles Alem mootummaan rakkinichaa karaa nagaadhaan hikuudhaaf fedhii qabuu erga beeksisee tureera jechuu isaanii Kenedii Abaatee gabaasee jira.

ABUT dhimmaa kana irratti kallatiidhaan deebii kennuu baatus, Mootummaan Itiyoophiyaa fi Mootummaan Eertiraa waltii bu’iinsicha babaldhisaa akaa jiraan ibsaa jiraachuun isaanii gabaasamaa jira.

Braaselsitti kan argamuu embaasiin Mootummaa Eertiraa ibsa baaseen ABUT Eertiraa irratti lola banuudhaaf karoorfatee jira jechuudhaan balaalefachuun isaa beekameera.

Haaluma wal qabateen miseensii seenetii yunaayitid Isteets fi duraa taa’an koree waltidufeenyaa alaa Baab Maandeez mootummaan Yunaayitid isteets haangaootaa Itiyoophiyaa irratti akka tarkaanfii qoqqobbii fudhatu gaafachuun isaanii ibsameera.

Baab Maandeez, sarbiinsi mirga namoomaa baldhina qabu Tigraay keessatti raawwachaa jiraatus mootummaan Yunaayitid Isteets tarkaanifii haanga’otaa Mootummaa Eertiraa irratti fudhatee haanga’otaa Itiyoophiyaa irratti hin fudhanne jechuu isaanii gabaasnii Kenedii Abaatee ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG