Xurree ittiin seenan

Breaking News

Himannaa ABUT fi Deebii Kenname


Suuraa saatelaayitii dhabbanni teeknoolojii Makisar jedhamu meeshaa waraanaa naannoo daangaa Eertiraa magaala Tigraay Zaalambassaatti dhihoo jiru agarsiisa jedhee baase, Fulbaana 19, 2022
Suuraa saatelaayitii dhabbanni teeknoolojii Makisar jedhamu meeshaa waraanaa naannoo daangaa Eertiraa magaala Tigraay Zaalambassaatti dhihoo jiru agarsiisa jedhee baase, Fulbaana 19, 2022

Humnooiin Itiyoophiyaa fi Eertiraan ittuu adda hin baasiin namoota nagaa ykn siviiloota haleeluun ajjeesan jechuun humnootiin Tigraay himatanii jiru. Ibsa Fulbaana 29 karaa waajiira Dhimma Alaa Tigraay baasan kanaan, humni qilleensaa Eertiraa Adoolessa 27 Adi-Daero irratti boombii darbatee namoota nagaa ajjeesuu ibsee jira.

Haaluma walfakkaatuun jedha ibsi kun humnootiin Ertraa meeshaa waraanaa gurguddaan Adii-Graat fi Sheraroo irratti dhukaasaa akka turan, humnootiin mootummaa fedeeraalaa kan Itiyoophiyaa immo, xayyaara nam maleeyyii ykn Drooniin, siviloota Shiree keesstti ajjeesan jedha.Namoonni meewa akka miidhaman garu hin ibsinee.

Gama kaaniin, Raayyaan ittisaa kan Itiyoophiyaa siviloota irratti midhaa ituu hin geesisiin of eegannoon guddaan fi ga’eessummaan humnootii waraanaa adda baasee tarkaanfii fudtaa akka jiru qaama caasaa mootummaa kan ta’e fi haala odeeffannoo yeroo irratti qulqulleessee kan dhiyeessuu ibsuu isaa korporeeshiniin broodcaastii Itiyoophiyaa gabaasee jira.

Gareen shoroorkaa ittiin jedhe kan Tigraay yeroo 3ffaaf haleellaa jalqabee dhaabsisuuf, mootummaan tarkaanfii of irraa ittisaa fudhataa turu beeksiise.Haleellaa aggaamamuu kana faccisuuf humna waraanaa garee shoroorkaa ittiin jedhe keessaa filatee of eegannaa guddaan qiyyaafachuun ergama of irraa ittisuu gaggeeffamaa jira kedha.

Gareen shoroorkaa jechuun waamee kan Tigraay kun ammaan duras gochaa akka ture, bakka amantii, dhabattoota fayyaa manneen barumsaa fi dhaabatoota tajaajiila hawaasaa kanneen biroo keessa humna waraanaa fi hogganoota isaa dhoksee ka’aa ture kan jedhu korporeeshiniin broodkaast kan Itiyoophiyaa qabeenya dhaabatoota tokkummaa mootummootaa fi kan dhaabatoota gargaarsa dhala namaas imalaa fi meeshaa waraanaa keessa kaa’uuf gargaarama jedhee jira.

Torban kana humnii qilleensaa kan Itiyoophiyaa Addii Daa’iroo keessatti bakka meeshaaleen waraanaa fi dhkaatonni ka’aman adda baasee tarkaanfii fudhachuu ibsee jira.

Ergama garee shoroorkaa kana tumsuuf jecha xayyaarri dinoota Itiyoophiyaa seenaan beekaman biraa ergamees erga rukutamee kufee as, samiin guutummaa biyyatti to’annaa humna qilleensa Itiyoophiyaa jala jira jedhee jira. Himata kana irratti deebiin gama mootummaa Ertraa biraa argamee hin jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG