Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganonni Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa Ibsa Waloo Baasan 


Prezidaantii Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaamud fi Muummee Minstiraa Itoophiyaa ABiyyi Ahmed, Finfinnee
Prezidaantii Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaamud fi Muummee Minstiraa Itoophiyaa ABiyyi Ahmed, Finfinnee

Hoggantoonni Somaaliyaa fi Itoophiyaa diina waloo isaanii kan ta’an , shororkeessummaa fi finxaaleessummaa irratti haala bu'a qabeessa ta'een qabsaa’uun wal tumsuuf kutannoo qaban irra deebi'anii ibsaniiru.

Xumura daawwannaa pirezidaantii haaraa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad irratti Ibsa waloo hoggantoonni lamaan baasaniin, dhaabbileen nageenyaa gam lameenii tumsa jiru akka cimsan qajeelfama kennuun odeeffannoo wal jijjiiruuf waliigalaniiru.”

Somaaliyaa waggoota 30 oliif uggura meeshaa waraanaa irra kaa'amee ture akka kaafamu gaaffii mootummaan federaalaa somaaliyaa dhiyeesse golli naga eegumsaa akka ilaalu hogganoonni lameen gaafatanii jiru.

Dabalataan waliin hojjechuu, gidduu seensii alaa kan hin malle nagaa fi tasgabbii naannichaa eeguuf tattaaffii waliinii taasisan laamshessuu danda'u xiqqeessuu fi shororkeessummaa ittisuu akka barbaachisu cimsuuf walii galan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG