Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Gatiin Boba’aa Akka Dabaluu Beeksiiftee Jirti


FAAYILII- Biifata boba'aatti nama boba'aa waraabachaa jiru, Waldiyaa, Mudde 7, 2020
FAAYILII- Biifata boba'aatti nama boba'aa waraabachaa jiru, Waldiyaa, Mudde 7, 2020

Itiyoophiyaa keessatti gatiin boba’aa harka 20 dabaluu isaa Kamiisa dabree kana ibsamee jira. kunis mootummaan deeggarsa boba’aa erga kaasee baatii 3 keessatti yeroo lammataaf ta’u fi rakkoo dinagdee biyya Afrikaa baay’ina ummataan sadarkaa lammaffaa irra jirtu kan keessatti mul’atu hammeesuun isaa ni yaadatama.

Mootummaan deeggarsa oomishaalee boba’aa marsaa marsaan dhaabuu kan jalqabe ji’a Adooleessa keessa yoo ta’u, gatii Naafxaa fi Beenzinaa harka 30-40 dabaluu kan jalqabee yoo ta’u, shofeeronni hanqina hamaa akka jiruu fi buufataalee boba’aatti toora dheeraa kan turanii eegan ta’u ibsan.

Uummata miliyoona 110 ol qabdu Itiyoophiyaan ji’oota muraasa darban keessa qaala’iinsi jireenyaa 100 keessaa harka 30-35tti kan ol ka’e yoo ta’u, weerarri Raashiyaan

Ministeerri daldalaa Ibsa Robii dabree galgala baaseen "gatiin daldalaa keenyaa gabaa idil-addunyaa akka calaqqisu gochuuf, gatiin boba'aa haaraan Fulbaana 28 (halkan walakkaa) irraa eegalee hojiirra ooleera" jedheera.

Haala dinagdee biyya keenyaa yeroo ammaa fi haala gabaa boba'aa waliin walsimuun gatii ji'a sadiitti al tokko akka fooyya'u ibseera.

Akka gatii haaraa ba’eetti gatiin Naafxaa harka 22n dabalee litriin isaa qarshii 59 fi saantiima 90 Beenzinni harka 20 dabalee Qarshii 57 fi saantoona 05 ta’eera.dhibbeentaa 22n dabalee birrii 59.90 (Doolaara 1.13) yoo ta’u, gatiin boba’aa gara dhibbeentaa 20n dabalee birrii 57.05 ta’uu ministeerichi beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG