Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ogaaduguun Dhukaasaan Raafamaa Jirti 


Loltoota Burkinaa Faasoo magalaa Ogaaduguu, Fulbaana 30, 2022.
Loltoota Burkinaa Faasoo magalaa Ogaaduguu, Fulbaana 30, 2022.

Jimaata har’a kaampii waraanaa guddichaa fi naannoo jireenyaa magaalaa galama mootummaa Burkinaa Faasoo tokko tokko irraa dhukaasni cimaan kan dhaga’ame yoo ta’u, naannoo masaraa pirezidaantichaatti dhohinsi guddaan dhaga’amuu isaa Rooyitars gabaasee jira.

Loltoonni daandii gara teessuuma pirezidaantummaatti geessuu irratti iddoo qabatanii karaa itti bulchiinsaaa fi televiziyoonni biyyoolessaa geessu cufanii jiru. Buufanni televiziyoonni kunis tamsaasa dhaabuu isaa Rooyitars ibseera.

Kana ilaalchisee dubbi himaa mootummaa bira gahuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.

Kun yaalii fonqolcha mootummaa ta’uu fi dhiisuu isaa hanga ammaatti ifa miti. Garuu mallattoo aangoo qabachuu biroo waggoota lamaan darban keessa Afrikaa Dhihaa fi Giddu galeessaa keessatti babal’ate qabateera.

Humnii waraanaa Koloneel Pool-Henri Damibaan hogganamuu fonqolcha mootummaatiin Amajjii 24 gaggeeffameen Burkinaa Faasoo keessatti aangoo qabate.

Angoo qabachuun sun, lamiilee nagaa biyyatti yon siviloota bulchiinsa prezidaant Kabooree nuffaniin biraa simannaa argatee ture.Kabooreen hidhattoota Islaamummaa waggoota dhiyoo asitti lammiilee nagaa kumaatamaan lakkaa’aman ajjeesanii kutaalee kaabaa fi bahaa bal’aa dhuunfatan to’achuu hin dandeenyee.

Dambiyaan fonqolcha mootummaa baatii Amajjii booda ibsa jalqabaa kennaniin, nageenya deebisuuf waadaa galanii turan.

Garuu haleellaan biyya hiyyeettii Afriikaa Lixaa keessatti raawwatamu hammaattee raayyaan ittisaa jeequmsa keessa jira. Baatii Guraandhalaa keessa Daamibaa deeggarsa isaanii kan kennan yoo ta’u, guddina dhabuu isaatiin mufachuu isaanii maddeen nageenyaa himanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG