Xurree ittiin seenan

Breaking News

Doniwwan Handaara Galaana Libiyaa To’atamuun Itti Fufuu Qaba: UN 


FAAYILII - Dooniiwwan handaara galaanaa Liibiyaa godaantota seeraan alaa daddabarsan keessa, Caamsaa 23 2022.
FAAYILII - Dooniiwwan handaara galaanaa Liibiyaa godaantota seeraan alaa daddabarsan keessa, Caamsaa 23 2022.

Dooniiwwan handaara galaanaa Liibiyaa jiran kanneen biyya Afrikaa Kaabaa irraa godaantota seeraan alaa daddabarsan ykn daldala namaa irratti bobba’an jedhamanii shakkaman waggaa biraaf akka sakatta’aman golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa sagalee guutuun sagalee murteessee jira.

Murteen Kamisa kaleessaa ragga’e kun hojiiwwan kontirobaandii Galaana Meditiraaniyaanii keessatti babal’achaa jiran dhaabuun barbaachisaa ta’uu irra deebi’ee mirkaneessa.

Barreessaan dureen tokkummaa mootummootaa. Antonio Guterres gabaasa isaanii isa dhiyeenyaa irratti akka jedhanitti, galaanni Meditiraaniyaanii ammallee “karaa baqattootaa fi godaantota itti Awurooppaa ga’uuf yaalan balaa guddaa geessisan akka ta’eetti jira jedha.

Godaantota Liibiyaaf caalaatti akka qubachiisanis gaafataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG