Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa Keessatti Angawaan Al-Shabaab Ajjeefaman


FAAYIILII - Konkolaataa waraanaa Moqaadishoo keessatti, Ebla 12, 2022.
FAAYIILII - Konkolaataa waraanaa Moqaadishoo keessatti, Ebla 12, 2022.

Somaaliyaa, Jubbaa giddu galeessaatti duula Onkolooleessa 1 gaggeesseen qondaalli olaanaa al-Shabab tokko ajjeefamuu mootummaan Somaaliyaa Dilbata kaleessaa galgala erga gabaasee sa’aatii muraasa booda magaalaa biyyatti waaltaa keessaa kan taateee Beledweyne dhohinsi cimaan raasuu isaa namoonni ijaan argan himaniiru.

Ibsa Ministeerri Odeeffannoo kennee akka jedhutti, gargaaraa bu’ursaa al-Shabab kan ta’an Abdullaahii Naadir humnoonni biyyooleessaa fi humnoota michuun ta’an kan idil-addunyaa waliin ta’uun duula gaggeesseen ajjeefamuu ibseera.

Maqaa Abdullaahii Yaree jedhamuunis kan beekamu, Abdullaahii Nadir, qondaala olaanaa al-Shabab yoo ta’u, garee kana keessatti itti gaafatamaa kutaalee miidiyaa, maallaqaa fi lallabaa amantii ykn “Da’waa” ta’uun hojjataa turan.

Jiraattonni oduu gabaasaa RSA magaalaa Beledweyne keessa jiruutti akka himanitti, boombii konkolaataa lama irraa dhohee kun,waajjira mootummaa naannoo aanaa bahaa Lamagalaay irratti xiyyeeffate. Lamagalaay bakka waajjiraaleen itti aanaa hogganaa naannoo Hirshaabellee, bulchaa naannoo Hiraanii fi qondaaltota mootummaa naannoo biroon itti argamanidha. Maddeen akka jedhanitti, haleellaa kana hordofee miidhaan guddaan akka gahu sodaatamaa jira.

Moqaadishoo irraa gara kaabaatti gara kiiloo meetira 337 fagaattee kan argamtu Beledweyne, giddugala sochii hawaasa naannoo dhiheenya kana kan garee hidhattoota Islaamummaa al-Shabab irratti gaggeeffame taatee jirti. Bulchaa naannoo Hiraan Alii Jeyte Osmaan dabalatee qondaaltonni naannoo biroon, humnoota hawaasaa humnoota mootummaa Somaaliyaa cinatti waraanan hoogganuun gandoota kudhanii ol ta’an al-Shabab harkaa dhuunfachuun isaanii ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG