Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaan Gara Beelaatti Seenaa Jirti: UN 


FAAyILII - Namoota sababa hanqina nyaataatin qeheerraa buqahanii jirattonni Moqaadishoo oggaa qarqaarsa kennan, Waxabajjii 30, 2022.
FAAyILII - Namoota sababa hanqina nyaataatin qeheerraa buqahanii jirattonni Moqaadishoo oggaa qarqaarsa kennan, Waxabajjii 30, 2022.

Somaaliyaan ammallee qarqara afaan beelaa irra jirti jechuun waajjirri gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummoota (OCHA) dameen somaaliyaa jiru hubachiseejira.

Somaaliyaatti, hogganaan Waajjira Qindeessituu Dhimmoota gargaarsa Namoomaa kan Tokkummaa motuummootaa Iyaan Ridlii akka jedhanti, namoonni gargaarsa barbaadan gara miliyoona saddeetitti dhiyaatanii fi namoonni miliyoona tokkoo ol ta’an biyyatti keessaa jireenyaa fi qe’e ofii irraa buqqa’anii jiru.

Somaaliyaan duraanuu Onkoloolessa bara 2020 irraa eegalee baatii roobaa fashalaa’e afur mudachuu ishee Ridliin RSAf ibsanii jiru.

Somaaliyaa keessatti jalqaba baatii roobaa ta’u yeroo qabutti, raagnii jiru jiidha ykn hurka barbaachisu baay’ee akka hin fidne agarsiisa jedhan.Somaaliyaa keessatti baatiin roobaa silaa Onkolooleessa kanaa qabee hanga muddeetti ta’u qaba.

keessumaa Baayidoo’aa fi Burhakaabaa keessatti keessumaa buqqaatota Baayidootti jiran gidduutti afaan beelaa irra jiru jennee raafama keessa jirra jedhan

Dhaabbileen gargaarsa namoomaa amma hojii hunda aanaalee Baayidoo fi Burhakabaa irratti xiyyeeffatanii hojjechaa akka jiran Ridliin ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG