Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaan Burkinaafaasoo fonqocha Mootummaan Angoo Qabatan Haaluuma Walfakkaataan Angoo Gadhiisan 


FAAYILII - Hogganaa Burkibaafaasoo Letenaa Koloneel Pool Henrii Damibaa, Waagaduguu, Bitootessa 2, 2022
FAAYILII - Hogganaa Burkibaafaasoo Letenaa Koloneel Pool Henrii Damibaa, Waagaduguu, Bitootessa 2, 2022

Kan aangoo irraa bu’an hogganaan Burkibaafaasoo Letenaa Koloneel Pool Henrii Damibaa biyya isaanii gadhisanii gara Togootti qajeelaa akka jiran Diploomaatonni ibsanii jiru.

Duraan kanneen maanguddummaan gidduu seenan Dilbata kaleessaa akka jedhanti, Daamibaan hanga nageenyaa fi haal-dureewwan biroon guutamantti aangoo gadhiisuuf walii gale jedhanii turan.

Juntaan ykn humnii waraanaa amma Burkinaa Faasootti itti gaafatamaa ta’e guyyaa duraa Kaapteen Ibraahim Traore hogganaa mootummaa ta’uu labsee ture. Kunis fonqolcha mootummaa haaraan Jimaata darbe erga gaggeeffameen booda sirnaan kan labsame yoo ta’u, fonqolchii mootummaa kunis bara kana keessa yeroo lammataaf ta’uu ibsameera.

Fonqolcha mootummaa baatii Guraandhalaa keessa gaggeeffameen taangootti kan dhufan Damibaan, finxaaleyyii Islaamummaa waliin walqabatee jeequumsa jiru guutuu biyyattiitti waan itti fufeef jaalatama isaanii gadi bu’uu arganii jiran.

Ekowaas Ibsa Dilbata kaleessaa galgala baaseen, pirezidaantii Niijeer duraanii Mahaamadu Issoofoo dabalatee garee maanguddootaa wiixata har’a gara Ogaaduuguutti erguu akka jiru ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG