Xurree ittiin seenan

Breaking News

Burkiinaafaasoon Hogganaa Irree Wraanaa Argattee Jirti


FAAYILII - Hogganaa humna waraanaa ykn juntaa haaraan kan  Burkinaa Faasoo, Kaapteen Ibraahim Traore, Waagaaduuguu, Onkoloolessa 2, 2022
FAAYILII - Hogganaa humna waraanaa ykn juntaa haaraan kan  Burkinaa Faasoo, Kaapteen Ibraahim Traore, Waagaaduuguu, Onkoloolessa 2, 2022

Hogganaan Burkinaa Faasoo aangoo irraa bu'an Pool-Heenrii Saandaagoo Daamibaa ofii isaanii fonqolcha mootummaatiin erga aangoo irraa bu'anii guyyaa sadii booda hoggansa isaanii gadhiisan.

Daamibaan aangawoota haaraa kanaaf ''milkaa'ina gaarii'' hawwuu isaanii ibsuun, ''wal qoqqoodinsa osoo hin taane tokko ta'uun akka hojjataniif gaafatan.

Kana malees aangoo qabachuuf sochii ta’een,miseensonni waraanaa 2 du'anii 9 ammoo madaa'uu balaaleeffatan.

Jalqaba bara kanaa fonqolcha mootummaa gaggeeffameen aangoo kan qabatan Daamibaan, aangoo gadhiisuuf walii galuun gara biyya ollaa taate Togootti imalan.

Wiixata kaleessaa, hogganaan humna waraanaa ykn juntaa haaraan kan Burkinaa Faasoo, Kaapteen Ibraahim Traore, biyyi isaanii bara 2024tti ykn sana duras filannoo gaggeessuuf karoorfattee jirti jedhan.

Haala jiru jijjiiruu qabna, Saffisaan deemuu qabna. Guutummaa biyyattii keessatti haala muddamaa jira. Namni sadarkaa hunda jiru kam iyyu hatattamaan deemuun walxaxiinsa bulchiinsaa faayidaa hin qabne dhiisuu qaba. Qabxii hunda lafa isin arifachuu qabdan ibsuuf hin jiru.saabiin isaas Burkinaafaasoo keessatti waan hundumtuu arifachiisaa dha.

Fonqolchi mootummaa Burkinaa Faasoo Jimaata darbe televiziyoona mootummaa irratti kan ibsame yoo ta’u, jeequmsi siyaasaa biyyattii keessaa garee finxaaleeyyii Islaamuummaa biraa hokkara hammeessaa sodaa jedhu uumee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG