Ilmii prezidaantii Ugaandaa kan Yoweerii Museevenii Leteenaa jeneraal Muhoozii Keeniyaa weeraru qabna jechuun Twitarii ofii irratti barreessuun isaanii mufannaa kaasisee jira.
Ajajaa humnootii ittisaa ugaandaa kan ta’an Muhooziin ergaa Twitarii irratti wiixata kaleessaa barreessaniin, prezidaantii Keniyaa kan turan Uhuruu Keenyaatta marsaa sadaffaaf dorgomuutu irra ture jedhan.
Kunis diploomaasummaa kutaa irratti mufannaa kaasisee jira.Qondaalli waraanaa kun amma nama biraan kan bakka buufaman yoo ta’u, qondaaltictichi immo aangoo Jeneeraalummaan gorsaa abba isaanii kan prezidaant Yoweerii Museevenii ta’anii jiru.
Forum