Xurree ittiin seenan

Breaking News

Portoo Riikoo Deebisnee Ijaarra: Prezidaant Baaydin 


Pirezdaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baayiden haasha yeroo godhan, Porto Riikoo, Onkoloolessa 3, 2022
Pirezdaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baayiden haasha yeroo godhan, Porto Riikoo, Onkoloolessa 3, 2022

Pirezidaantiin Amerikaa. Joo Baayidan miidhaa obomboleettii Fiyoonaa kan Porto Riikoo keessatti qaqqabe qorachuun, obomboleettii ji’a darbe mudateen booda lafa Amerikaa irratti midhaa dhaqqabeef,gargaarsa doolaara miiliyoona 60 ol akka kennamuu waadaa galaniiru.

Baaydiin daawwannaa Wiixata kaleessaa magaalaa obomboleettiin akka hamaa tti miidhamte Paans keessatti gaggeessaniin, bulchiinsi isaanii Poortoo Riikoo deebisee ijaaruuf murannoo akka qabu waadaa galanii, balaa obomboleettii booda “doolarri waadaa galame hunda” akka argatan nan mirkaneessan jedhan.

Isin waliin akka jirru Amerikaan guutuun akka isin waliin jirtu agarsiisuuf qaamaan as dhufne. Kunis waan kennamuu fudhattanii, bayyanachuun, deebitanii biyya ijaartan gochuuf isin waliin jirti. Waan isin barbaaddan hundumaa hojjachuu akka dandeenyu ofitti amantaa qaba. Bulchaa Porto Riikoos, Ani ofiikoo immoo odola kanaaf waadaa galeera jedhan Baaydiin.

Masaraan mootummaa Waayit Haawus akka jedhetti, gargaarsii haaraan Doolaara miiliyoona 60 kun seera bu’uuraalee misoomaa paartilee Amerikaa lamaan bara darbe baase irraa kan argamu yoo ta’u, edeedaa fi dallaa lolaan akka hin yaanee ittisuu cimsuuf akkasumas raaga akeekkachiisa balaa lolaa bishaanii naannoo sanatti hundeessuuf kan oolu ta’uu ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG