Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Ugaandaa Ilmaa isaanii Aaangoo Irraa Kaasan


FAAYILII- Ilma prezidaantii Ugaanaa Jeneraal Muhoozi Kainerugaba

Prezidaantiin Ugaandaa Yuweerii Museveenii ajajaa waraana lafoo biyyaa isaanii kan ta’an ilmaa isaanii guyyaa kaleesaa taayitaa irraa buusanii jiru. Torbanuma kana keessaa garaa jeeneraala guutuutii guddachuun isaanii kan labsame Ilmi prezidaantichaa Letenaa Jeeneraal Muhoozii Ka’inerugabaa wantii isaan dhiheenyaa kana fuulaa tiwuutarii ofii irratii barreessan lammiilee Ugaandaa biratti aarii umuun isaa gabaasameera.

Ka’inerugabaan dhiheenyaa kana waraani biyya isaanii magaalaa guddittii biyyaa keeniyaa Naayiroobii weeraree qabachuu dhaaf torban tokko itti hinfudhatu jedhanii wantii isaan barreessan mootummaa keeniyaa fi biyyoottan baha Afrikaa kan yaaddeesee dha.

Jechii jeeneraalichaa lammiilee keeniyaa hedduu kan aarsee yoo ta’a, ministeerii dhimmaa alaa keeniyaa Ambaasaadara Ugaandaa wajjin dhimicha irratii dubbachuu isaanii ibsee jira. Ministeerii dhimma alaa Ugaandaa gamaa isaatiin wanti jeeneraalichi barreessan waliti dhufeenya biyoottan lammanii kan miidhuu dha jechuu dhaan balaaleffatuun isaa gabaasameeraa.

Jeeneraalichii ergaa tiwuutarii dhiheenyaa kana dabarsaniin garee Muutummaa Itiyoophiyaa wajjin lola irraa jiru ABUT fi garee hidhattootaa mootuummaa Koongoo irratti lola banee jiru akka deggeran ibsuun isaanii ni yaadatama.

Waggootan 35 darbaniif Prezidaantii Ugaandaa kan ta’an fi wagga 78 kan guutan Yuweerii Museveenii fudhachuu baatanus lammiileen ugaandaa hedduun jeeneraalichi abba isaanii bakka bu’uud haan biyyatii bulchuu dhaaf akka qophaawaa jiranutii akka fudhatan gabaasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG