Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiilee Indooneejiyaa Balaa Dirree Kubbaa Miillaa Keessatti Uumameen Du'an 131 Ta’uun Ibsame


Indonesia Soccer Deaths
Indonesia Soccer Deaths

Sanbata dheengaddaa biyya Indooneejiyaa keessatii balaa dawwatootaa kubbaa miilaa irra ga'een nammooni du’an 131 ta’uu isaanii fi caalaan isaanii ijooleewwan akka ta’an waldaan kubbaa miilaa biyyatii beekisisee jira.

Itti gaafatamaan dhimmaa naamuusaa waldichaa Iriwiin Toobiig akka oduu gabaastotatti himaniitti balbali dirree kubbaa miilaa ykn stadiyoomii ittu taphichi hin raawatin daqiiqaa 10 dursee ituu banamuu qabuu hin banamin hafeera jedhaniiru.

Poliisiin biyyattii gama isaatiin raga suur-sagalee dhiheesuu dhaan ifa taasiseen balballi hunduu banaa akka turan agarsiisee garuu dhiphoo turan jedheeraa.

Dhimmuma kanaan walqabatee ajjajaan poolisii kutaa Malaangaa hojii iraa ari'atamanii qondaaltoni Poolisii Sagal immoo yeroo dhaaf hoojii akka dhaaban taasifamanii jiru. Miseensonni poolisii 18 immoo qorannoon irratii taasifamaa akka jiru ibsameera.

Roobii har’aa kutaa balaan sun itti qaqqabe kan daawwatan prezidaantiin Indoonejiyaa Jooko Widodo taphi kubbaa miillaa biyaattii hunduu yeroo dhaaf akka uguramee turu ibsanii dhimmichaa irratii Prezidaantii Feederashiinii kubbaa miillaa adduunyaa FIFA Jiyaanii Infaantiinoo wajjin maryatanii walii galuu isaanii akka ibsan gabaasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG