Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bara 2014 Buqqaatonni Itiyoophiyaa Gargaarsa Gahaa Akka Hin Argatiin Himame


Ethiopian Human Rights Commission
Ethiopian Human Rights Commission

Akka lakkoofsaa Itiyoophiyaatti bara darbee 2014 keessa xiyyeeffannan gargaarsa namoomaa fi egumsii nomoottan qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif taasifaamee gahaa akka hin turre Komishiiniin mirgaa namoomaa Itiyoophiyaa ibsee jiraa.

Komishiinchii namoottan sababa walitii bu’iinsaa fi balaa umamaatiin qe’ee isaanii irraa buqqa’an ilaalchisee gabaasaa qoo’anoo dhiheesee keessatti gargaarsii attattamaa akka yeroodhaan qaqqabaa hin turre, ibsee sadarkaa biyyaleessatti seerrii waa’ee namoottan qe’ee isaanii irraa buqa’anii waan hin jirreef hanqinaa egumsa buqaatotaaf taasifamuu qabu irratti shooraa taphachuu isaa akka beeksisee Gebremikaa’el Gebremedihin gabaase jira.

Itti gaafatamaa waajjira ittisa balaa fi wabii midhaan nyaataa bulchiinsaa naannoo Affaar kan ta’an obbo Mohaameed Huseen dhimmaa kana irratti ibsa kennaniin, bara 2014 keessa walwaraansaan walqabatee jiraattonni naanichaa qe’ee isaanii irraa buqa’an miiliyoonii 1.6 gargaarsaa fi egumsa isaan barbaachisuu hin arganne jedhaniiru.

Haa ta’u malee erga dhaabanni sagantaa Midhaan nyaataa/ WFPn naannicha keessatti buqqaatota kuma 600 fi kuma 53 gargaarsaa kennuu jalqabee as fooyya’insii jiraachuu isaa obbo Mohaamed himuu isanii gaabasiin kub ibseeraa.

Waajjirrii ittisa fi qophaa’insaa balaa kan mootummaa feederaalaa dhimma kana irratti akka yaada hin keninee gabaasnii Gebremikaa’e Gebregebremedihiin ibsee jia.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG