Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Keeniyaa, Wiliyaam Ruutoo Itiyoophiyaa Daawwtan


William Ruto
William Ruto

Prezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed waliin mari’achuuf jecha Finfinnee seenuu isaanii hoogganoonni lamaan fuula twitter isaaii irratti barreessaniiru. Prezidaant Ruuttoon twitter isaanii irratti akka bareessanitti hariiroo Itiyophiyaa waliin qabnu keessatti dantaa waliinii keessumaa gama teeknooloojiitiin akkasumas badhaadhina waliinii hordofuuf akka haaraatti ilaalaa jirra jedhan.

Akkasumas muummicha ministeeraa Abiy Ahimed waliin marii biyyoota lamaanii fi Safaariikoom Itiyoophiyaan jalqabuu isaa ilaalchisee kan mari’atan ta’uu tuqaniiru.

Muummichi ministeeraa Abiys gama isaaniin prezidaant Rutoo baga nagaan gara Itiyooophiyaa dhuftan jedhan. Hariiroon Keeniyaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiru hundee jabaa irra kan dhaabatee fi dhimmoota tumsa gaarummaa dantaa waliinii irratti kan fuuleffate jechuun fuula twiteer isaanii irratti barreessanii jiran.

Manni maree mootummaa Keeniyaa fuula twiiter isaa irratti barreessuu dhaan prezidaant Williyaam Ruuttoo muummicha ministeeraa Abiy Ahimed Alii buufati doonii Laamuu kibba Itiyoophiyaaf akka buufata doonii haadhootti akka fayyadu gaafachuu isaanii ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG