Xurree ittiin seenan

Breaking News

Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Sanbata dhufu, Afrikaa Kibbaatti Marii Geggeessamutti Hirmaachuuf Qophii Tahuu Beeksise


TPLF
TPLF

TPLF marii araaraa Afriikaa kibbaa irratti akka hirmaatu gaaffii gamtaan Afriikaa dhiyeesse simatee jira. Gamtaan Afriikaa Onkoloolessa 1, 2022 marii nageenyaaf waamicha isaa mul’inatti beeksise. Mootummaan Tigraay marii nageenyaa Afriikaa kibbaatti geggeeffamuuf karoorfame irratti hirmaachuuf qophii dha jechuu dhaan waajjirri dhimmootii Alaa Tigraay ibsa baaseen beeksisee jira.

Haa ta’u malee eennyu akka hirmaattotaatti, taajjabdootaa fi eenyuu wambii ta’uuf akka afeerame akka ibsamuuf gaafatee jira. ABUT hawaasa addunyaa irraa gaheen akkamii akka eegamuu fi loojistika fakkeenyaaf garee keenya kan marii kanaaf qophiilee imalaa fi nageenyaa ilaalchisee ibsi akka kennamu gaafatteera. Gorsaan nageenya biyyoolessaa Itiyoophiyaa Reedwaan Huseen Roobii waaree irratti mootummaan federaalaa afeerraa sana simachuu isaa mirkaneessanii jiru.

Murteen kun wal dhibdee jiru karaa nagaa furuu fi haal-duree tokko malee marii geggeessuun barbaachisaa ta’uu ilaalchisee ejjennoo keenya isa qajeelfama irratti hundaa’een kan wal simuu dha jedhan Reedwaan. Addatti immoo mootummaan federaalaa ibsa kenneen Finfinneen jaarsummaa gamtaa Afriikaan mari’achuu kan filatu ta’uu mirkaneessee jira.

Xalayaan waamichaa sun akka agarsiisuutti mariin nageenyaa kun Sambata Onkoloolessa 8 bara 2022 Afriikaa Kibbaa keessatti adeemsisamuuf kan karoorfame yoo ta’u, mariin qaamotii lamaan gidduutti geggeessamu, qajeelfamoota ijoo, dhimmootii ajendaa, mala akkaataa hojii fi sagantaawwan ba’an irratti mari’ata jedhamee eegama.

Mootummaa federaala Itiyoophiyaa fi ABUT gidduutti jaarsummaa qindoomina qabuu fi itti fufuiinsa qabu akka jiraatuu bu’uura kaa’uuf marii akeekke ta’uu xalayaan afeerraa sun ibsee jira. Akka xalayaa afeerraa sanaatti marii nagaa sana kan mijeessanii fi hoogganan bakka bu’aa gaanfa Afriikaa fi prezidaantii Naayijeeriyaa duraanii Oluuseeguun Obaasaanjoo ti. Akka affeerraa sanaatti Obaasaanjoo, prezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuuruu Keeniyaattaa fi miseensota Paanaalii ogeessota Afriikaa kibbaa fi itti aanaa prezidaantii kan Afriikaa Kibbaa duraanii Dr. Fuumizilee Milaamboo-Niguukaan of keessaa qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG