Xurree ittiin seenan

Breaking News

Safaarikoom Keeniyaan Tajaajila Isaa Itiyoophiyaa Jalqabuu Beeksise


Hojjattoota Safaarikoom beeksisa dhabbatichaa bagarsiisaa jiran, Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2022
Hojjattoota Safaarikoom beeksisa dhabbatichaa bagarsiisaa jiran, Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2022

Safaarikoom keeniyaa Itiyoophiyaa keessatti telekominikeeshinii dhuunfaa eegaluuf kan jalqabaa yoo ta’u walii taltee tajaajila mobile money jedhuu ifa taasisee jira. Safaariikoom Itiyoophiyaa

seenuun to’annaa cimaan kan keessa jiru biyya uummata miliyoona 110 qabdu keessa kan abbummaa telekom jala ture dhaabsisa.

Safaariikoom magaalaalee ka biroo 10 keessatti yaalii milkaa’ina qabu taasiseen Finfinnee keessatti neetwoorkii fi tajaajila isaa jijjiiree jira. Mootummaan Itiyoophiyaa damee teleekoom qofaan geggeessamu dhaabsisuuf waggaa darbe karoorsuu isaa kan beeksise yoo ta’u kunis ajendaa jijjiirama dinagdee ijoo kan muummicha ministeeraa Abiy Ahimed ture. Safaariikoom neetwoorkii daataa 4G, tajaajila ergaa sagalee fi barreeffamaa maamiltoota Safaarikoom fi thio telekoomiif kan dhiyeessu ta’uu beeksiseera. Diriirsi neetworkii biyyoolessaa hanga Ebla 2023tti magaalota dabalataa 14 bira gahuu kan itti fufu ta’uun ibsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG