Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetyis Daawwattoota Ugaandaa Qorannaa Vaayiresii Eboolaaf Buufataalee Xayyaaraa Shanitti Erguuf Jirti


FAAYILII - Hojjattoota fayyaa Ugaandaa bakka namoonni ibooladhaan qabaman keessaa tursiifaman keessatti, Fulbaana 29, 2022
FAAYILII - Hojjattoota fayyaa Ugaandaa bakka namoonni ibooladhaan qabaman keessaa tursiifaman keessatti, Fulbaana 29, 2022

Bulchiinsi Baayiden imaltoota guyyoota 21 darban keessa gara Ugaandaa deeman erga angawoonni eegumsa fayyaa hawaasaa hojjettoota eegumsa fayyaaf akeekkachiisa erganii booda dhibee Ebolaaf qorannaan akka geggeessamu gara buufata xayyaara gurguddoo Ameerikaa shanitti qajeelchuu ka jalqabu ta’uun beekamee jira.

Waltaan to’annoo fi ittisa dhukkubootaa Yunaayitid Isteetis CDCn kamisa kaleessaa hojjettoonni eegumsa fayyaa waa’ee weerara kanaa hubannoo akka kennan yaadachiiseera. Garuu yeroo ammaa gosi Iboolaa Ameerikaa keessatti argame kan Sudaan keessatti argame waliin wal fakkaatu hin argamne. Gosi vaayiresii kanaa kan dhiyeenya Ugaandaa keessatti argame.

Ministriin eegumsa fayyaa Ugaandaa akka ibsetti Onkoloolessa 3 yoo xiqqaate namoonni 9 dhibee kanaan qabaman du’aniiru. Angawoonni biyyattii Afriikaa bahaa Fulbaana 20 dhibeen dhiigaa lubbuu galaafatuu mul’achuu isaa beeksisaniiru. Namoota du’an dabalatee namoonni 43 dhibee kanaan qabamuun illee ibsamee jira.

Sakatta’iinsi Yunaayitid Isteetis kamisa buufataalee xayyaaraatti jalqabee jira. Haa ta’u malee ulaagaaleen raawwatiinsa isaa torban dhuftu ykn yeroo itti aanu keessa hojii irra oola jedhamee kan eegamu ta’uu Rooyiters gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG