Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Kolombosii fi Guyyaan Lammiiwwan Ameerikaa Ganamaa Wixata Har’aa Yaadatamee Oola


FAAYILII- Siidaa Kiristofar Kolombos magaala Niiw Yoork bakka Manhaatan Sarkil jedhamu jiru, Hagayya 27, 2017
FAAYILII- Siidaa Kiristofar Kolombos magaala Niiw Yoork bakka Manhaatan Sarkil jedhamu jiru, Hagayya 27, 2017

Wixati har’aa guyyaa Kolombos, guyyaa inni itti Ameerikaa argate jedhamee beekamutu kabajamee oola. Prezidaant Joo Baayiden waggaa darbe guyyaan kun guyyaa dhalattoota Ameerikaa ganamaa jedhamee akka kabajamu labsaniiru. Hanga ammaa garuu Ayyaana federaalaa hin ta’in jira.

FAAYILII - Lammiiwwan Ameerikaa Ganamaa, Ayyaana Naashinaal Paaw Waaw jedhamu irratti, Waashingitan DiisiiHagayya 2005
FAAYILII - Lammiiwwan Ameerikaa Ganamaa, Ayyaana Naashinaal Paaw Waaw jedhamu irratti, Waashingitan DiisiiHagayya 2005

Waggoota dhiyoo asitti, kutaaleen biyyaa, konyaalee fi magaalonni guutuu Yunayaitid Isteetis keessatti argaman bakka guyyaa Kolombas, guyyaa uummattoota Ameerikaa ganamaaf beekamtii kennuun bakka akka bu’u filachuun isaanii dabalaa dhufeera.

Ayyaanni lamaan Onkoloolessa keessa Wixata lammataa irra oolu. Bara darbe pirezidaant Yunaayitid Isteetis Joo Baayidan ayyaana kanaaf sirnaan beekamtii kan kennan jalqabaa ta’anii jiran. Ammallee ayyaana federaalaa hin ta’in jiraatus, wixineen seeraa tokko Kongireesii dhaaf dhiyaatee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG