Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Itiyoophiyaa fi Ertraa haleellaa itti fufanii jiru: ABUT 


FAAYILII - Konkolaataa waraanaa Itoophiyaa loltoota fe'ee deemu, Tigraay, Caamsaa 11, 2021.
FAAYILII - Konkolaataa waraanaa Itoophiyaa loltoota fe'ee deemu, Tigraay, Caamsaa 11, 2021.

Hunoonni Itiyoophiyaa fi Ertraa haleellaa itti fufanii jiraachuu Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) himatee jira.

Dubbi himaan Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) Obbo Getaachoo Raddaa ergaa Tiwiitara ofii irratti barreessaniin biyyoonni lamaan hanga ganama har'aatti humnoota kuma kurna hedduutti lakkaa'aman fi meeshaalee gurguddoon gama Raamaaa, Tsoranaa fi Zalambessa keessatti bobbaasanii jiru jechuun himatan.

Himannaan kun dhaga’amuun, maddeen dippilomaasii dhuma torban darbee mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi TPLF gidduutti mariingaggeeffamuuf karoorfamee turee yeroo biraatti darbuu maddeen dippilomaasii erga beeksisan guyyaa lama booda.

Oduu haaraa kanaaf qaamota wal waraanaa jiran irraas ta’e Gamtaa Afrikaa irraa deebiin kenname hin jiru.Ta’uus garu, Mootummaan Itiyoophiyaa hawaasni addunyaa ABUT fi bulchiinsa naannoo Tigraay waliin jechoota walqabatan tokko tokko akka hin fayyadamne akeekkachiisee jira.

Gama kaaniin, Pirezidaantiin Itiyoophiyaa Sahlework Zewde yaa'ii waloo kan Mana Maree Bakka Bu'oota Ummatootaa fi Mana Maree Federeeshinii irratti haasawaa dhageesisuuf jiraniin, karoora mootummaan waldhabdee Kaabaa dabalatee bara Itiyoophiyaa 2015 har'a waaree booda ibsuu jedhamee eegama..

Gama kaaniin, Ityoophiyaa keessatti nagaa buusuuf tattaaffii gamtaa Afrikaan durfamu keessatti qooda fudhattoota ijoo ka ta’an, Pirezidaantiin Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaataa, Jimaata darbe marii silaa dhuma torbee kanaa eegala jedhamee eegamu ture keessatti akka hin hirmaannee beeksissuun isaanii, mariin kun itti fufuu fi dhiisuu isaa irratti shakkii uumeera. Mootummaan Fedeeraalaa kan Itiyoophiyaa fi ABUT marii kana irratti argamuuf tole jechuun isaanii ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG