Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa Godaantoota Libiyaa Keessaa Jran Irratti Gaggeeffame Tokkummaan Mootuummootaa Balaaleffatee Jira


FAAYILII - Godaantotaa fi baqattoota bidiruudhan balaa illaa bararaman, Sadaasa 11, 2020
FAAYILII - Godaantotaa fi baqattoota bidiruudhan balaa illaa bararaman, Sadaasa 11, 2020

Ajjeechaa gara jabinaa godaantota 15 naannoo magaala handaara galaanaa Meditiraaniyaanii Sabratha jedhamtu irratti raawwatame waajirri tokkummaa mootummootaa Libiyaa keessa jiru balaaleffachuun, namoota seeraan ala namoota deddeebisan irratti murtiin haqaa akka kennamu gaafatee jira.

Reeffi godaantoota kanaa Jimaata dabree ganama qarqara galaanaa irratti kan argame yoo ta’u, irra caalaan isaanii bidiruu gubatee keessatti kan gubaman ta’u tokkummaan mootummootaa fi waldaan baatii dimaa kan Libiyaa hubachisee jira.

Attamitti akka ajjeefaman dhugaan isaa adda baafamuu kan qabu yoo ta'u, ajjeechaa kun walitti bu'iinsa namoota seeraan ala nama deddebiisan giddutti uumameen, akka ta'e qaamnii tokkummaa mootummootaa gamas jiru ibsa baaseen hubachisee jira.

Angawoonni Libiyaa keessa jiran yakkamtoota hunda seera duratti dhiyeessuuf qorannoo saffisaa, walabaa fi ifa ta’e akka gaggeessan qaamnii tokkummaa mootummootaa gaafatee jira.

Gama kaaniin, Godaantonni 360 ol ta’an Dilbata kaleessaa haandaara galaanaa Faransaayii kaabaa fi hanadaara galaana Inglaandii kibbaa gidduutti ituu qaxxaamuruu yaalaa jiranii balaa uumameen, bidiruu xixiqqoodhaan baraaramuu isaanii qondaaltonni Faransaay ibsanii jiru.

Imaltuun gama sanaan gaggeeffamuu balaaf saaxilamaa ta’uunis ibsamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG