Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaa Doonii Naayijeeriyaa Keessatti Dhaqqabeen Lakkoofsi Namoota Du'anii 70 Caalee Jira


Naajeeriyaa kibba bahaa bulchiinsa Anambraa keessatti balaa bidiruu mudateen lakkoofsi namoota du’anii 76 gahhe (Suuraa faayilii)
Naajeeriyaa kibba bahaa bulchiinsa Anambraa keessatti balaa bidiruu mudateen lakkoofsi namoota du’anii 76 gahhe (Suuraa faayilii)

Naajeeriyaa kibba bahaa bulchiinsa Anambraa keessatti balaa bidiruu mudateen lakkoofsi namoota du’anii 76 gahuu pirezidaantiiin Naayjeroyaa Maammaduu Buhaarii Dilbata kaleessaa ibsanii jiru.

Dooniin kun Jimaata darbe naannoo Ogbaru kan Anambraatti lolaa roba hamaa irraa uumameen garagaltee kan jedhan qondaaltonni Dilbata darbe kana yoo xiqqaate namoonni 10 du’uu fi 60 ammoo achi buuteen isaanii dhabame jedhanii turan.

Buhaariin Ibsa Dilbata darbe kan Tiwiitara irratti ibsa baasaniin, qaamoleen balaa tasaa lakkoofsi namoota du’anii ol’aanaa ta’uu mirkaneessaniiru.

Angawoonni imaltoota eessa buteen isaanii dhabamee barbaadanii baraarsuuf hojjechaa akka jiran kan himan Buhaariin, balaa gara fuula duraatti akka hin mudanneef qaamoleen dhimmi ilaallatu qajeelfama nageenyaa jiru akka keessa deebi’anii ilaalan ajaja kennuu isaanii ibsaniiru.

Hogganaan dhaabatta Bulchiinsa haala hatattamaa Naannoo Anambraa akka jedhanitti hanga sambata halkanii kaasee namoonni 15 baraarsamuu isaanii ibsaniiru.

Doonii garagalte suun,achuuma Naayjeriyaa keessaa kan hojjetamee fi dandeettii imaltoota 100 ol fe’uu kan qabu ta’uun ibsamee jira. motorri bidiruu sanaa waan dhaameef jecha obomboleettii hamaan garagalte.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG