Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Magaalaa Kiyeev Misaa’eelaan Rukutte


FAAYILII - Yukireen bakka haleellan itti dhaqabe, Yukireen Onkoloolessa 10, 2022.
FAAYILII - Yukireen bakka haleellan itti dhaqabe, Yukireen Onkoloolessa 10, 2022.

Haleellaan misaa’elaa Raashiyaa lubbuu namaa galaafate Wiixta har’a magaalaa galama mootummaa Yukireen Kiyeev kan rukutee yoo ta’u, kunis waraanni Yukireen haleellaa misaa’ela 75 biyyattii irratti furguggifame jedhe keessaa tokko.

Poolisiin akka jedhetti haleellaan kun irra caalaan magaalaa Kiyeev walakkaa kan rukute yoo ta’u yoo xiqqaate namoonni shan du’anii 12 ammoo madaa’aniiru. Misaa'eloonni kun paarkiiwwanii fi iddoowwan turistonni itti heddummaatan dabalatee bakka namoonni itti baay'atan rukute.

Magaalaa gam adhiyaa taate Laviv, magaalaa giddu galeessaa Diniproo fi magaalaa gama bahaa taatee Kharkiv dabalatee naannolee biroo hedduuttis dhohinsi mudatee jira. Waraanni Yukireen akka jedhutti, misaa’ela Raashiyaa kana keessaa 41 faccisee kuffisuu ibsee jira.

Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy akka jedhanitti, Raashiyaan naannoolee siiviilii akkasumas caasaa humna elektiriikaa guutuu biyyattii irratti xiyyeeffachuun, rifaatuu fi jeequmsa umuun caasaa eneerjii ykn humna Yukireen barbadeessuu barbaaddi.

Preezidaantiin Raashaa Puutiin walgahii mana maree nageenyaa kan ofii irratti akka ibsanti, haleellaan kun bu’uuraalee humna eleekriikaa, waraanaa fi caasaa qunnamtii Yukireen irratti kan qiyyeeffate yoo ta’u, kunis, haleellaa sambata dabree riqicha Raashiyaa fi Kiriimiyaa walqunnamsiisu irratti Yukreen raawwatameef deebii ta’uu ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG