Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaataar, Tapha Kubbaa Miillaa Addunyaa Keessummeessuuf Doonii Tajaajila Hoteelaa Kennu 3ffaa Kireeffatte 


Biyyoota Afrikaa Kubbaa Miillaa Addunyaa bara 2022 irratti hirmaatan

Taphni Kubbaa Miillaa Addunyaa, Sadaasa 20, bara 2022 irraa kaasee hanga Mudde 18, bara 2022’tti biyya Qaataar keessatti taasisama. Qindeesitoonni tapha kanaa doonii akka hoteelaatti gargaaru sadaffaa dhimmuma kaanaaf kireeffatanii jiru.

Sadaasa 20 Bara 2022 jalqabee kan tapaha kubbaa miilaa adduunyaa keessumeesitu Kaataar, hoteelaa keessumoota isheetiif gahaa ta’ee waan hin qabneef doonowwan galaana irraa dhaabatanii tajaajila mana ciisaa fi bakka nyaataa kennan kereeffataa jirti. Wixata dheengaddaa dhaabataa Jeenevaa keessa maandhefatee irraa dooniin kireeffatte kutaalee 1,075 kan qabu akka ta’e maddi oduu Assoosheetid Prees gabaasee jira.

Gatiin mana ciisaa kan halkan tokko ciree dabalatee doolaaraa 470 yemmuu ta’u, tajaajilaa nyaataa biroo warren barbaadan doolaara 87 dabalataan kaffaluu qabu.

Taphi kubbaa miilaa addnyaa baranaa Sadaasaa 20/2022 kaasee amma Muddee 18/ 2022 qopheessuudhaaf kaataar baasii doolaaraa biiliyoonii 220 kan taasiftee yemmuu ta’u, taphichaan walqabatee daawwatootaa Miiyoonii 1.2 eeggachaa jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG