Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Zammanaa Kaasee Irratti Himannaa Akka Dhiyaatu Manni Murtii Magaalaa Baahirdaar Ajaje Jira


Obbo Zammanaa Kaasee Irratti Himannaa Akka Dhiyaatu Manni Murtii Magaalaa Baahirdaar Ajaje Jira
Obbo Zammanaa Kaasee Irratti Himannaa Akka Dhiyaatu Manni Murtii Magaalaa Baahirdaar Ajaje Jira

Abbootiin alangaa guyyaa kudha shan keessatti himanna akka dhiyeessan manni murtii magaala Baahirdaar kan gaafate har’a ture.Komishiniin poolisii naannoo Obbo Amaaraa Zammana Kaasee to'annoo jala ooluu kan beeksise baatii darbe ture.

Obbo Zammana gareewwan seeraan alaa hidhatan jedhaman gurmeessuu fi jeequmsa kakaasuu akkasumas, wantoota birootiin shakkama jedhamu abukaatoon isaanii RSA tti himanii jiru.

Mootummaan federaala Itoophiyaa fi mootummaan bulchiinsa naannoo Amaaraa inni Baahirdaar keessa jiru miseensonni garee hidhattoota seeraan alaa ittiin jedhan hangii tokko garee Faannoo dhugaa jedhamu jalatti socho'aa jiru jechuun himatu.

Obbo Zammanan miseensa garee adda gootoota Itiyoophiyaa jedhamu kan ture yoo ta'u, bara 2015 Ginbot 7 waliin walitti dabalamuun adda kanaa hundeessuu Ertraa keessa kan turan yoo ta’u ,

Zammana Kaasee fi qabsaa'onni biroo bara 2018 gara biyyaatti deebi'an.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG