Xurree ittiin seenan

Breaking News

Reeffii Godaantoota saddeeti Handaara Galaana Tunisiyaa Irraa Argame


FAAYILII - Reeffa godaantota bara 2020 du'anii Tuuniziyaa, Mudde 24, 2020.
FAAYILII - Reeffa godaantota bara 2020 du'anii Tuuniziyaa, Mudde 24, 2020.

Reeffi godaantota saddeetii kanneen lammiilee Tuuniziyaa torban lamaaf dhabaman jedhamee yaadamu wiixata kaleessaa handaara galaanaa biyyatti rraa argamuu jaarmayaan Baatii Diimaa ibsee jira.

Namoonni Dooniin galaana irra deemuun to’atan Wiixta kaleessaa ganama reeffa godaantota saddeeti qarqara Zarzis kan bidiruun isaanii torban lama dura itti liqimfamte jedhamee yaadamu argatan jechuun itti gaafatamaan Baatii Diimaa kan Medenine, Mongi Slim dhaabata oduu Ajaans Fraans Preesiif himan.

Eenyummaa namoota kanaa adda baasuuf saamuda DNA fudhatamuus himaniiru. Tuuniziyaan odola Xaaliyaanii Lampedusa irraa gara kiiloo meetira 130 qofa fagaattee kan argamtu yoo ta'u, yeroo dheeraaf namoota hokkaraa fi hiyyummaa dheessun, ardii Afrikaa keessaa gara Awurooppaatti baqataniif bakka itti ce’an taatee turte.

Midiyaan naannoo akka gabaasetti bidiruun yeroof ittiin ce’uuf gargaaruu fi naannootti hojjatamuu kun daa'ima tokko dabalatee godaantota 18 fe'attee turte kun guyyoota 15 dura akka bade gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG