Xurree ittiin seenan

Breaking News

Saawudiin Lammiwwan Masrii Kudhan Walitti Qabamtan Jechuun Adaba Hidhaa Irratti Murteessitee Jirti


FAAYILII - Suuraa rogeeyyii hidhaa jiranii
FAAYILII - Suuraa rogeeyyii hidhaa jiranii

Dhiirota lammii Masrii 10 wal waraansa Arabaa fi Israa’eel gidduu kan bara 1973tti geggeeffameef qophii yaadannoo gurmeessuuf yaalan jechuun, Abbaan murtii Sa’uudii wiixata kaleessaa hidhaa hanga waggaa 18tti murteessuu isaanii firoonni isaanii lama dhaabbata oduu Ajaans Fraas Preesiif Ibsanii jiru.

Namoonni garee sab xiqqaalee Nuubiyaa Masrii irraa ta’an kun, garee shororkeessaa hundeessitan jedhamuun kan yakkaman ta’u itti mirkanaa'eera jedamu, firoonni keessaa tokko sodaa haaloo ba’iinsaa jecha maqaan isaanii akka hin ibsamne dubbatanii jiru.

Jalqaba Onkoloolessa bara 2019 sagantaa yaadannoo kana qopheessuuf yaaluun kan hidhaman yoo ta'u, waggoota sanaan dura darban keessattis rakkoo tokko malee sirnii yaadannoo gaggeeffamaa raawwatame ture. Sana booda himannaan irratti ituu hin dhiyaatiin Muddee 2019 gadhiifaman. Sana booda baatii Adooleessa keessa deebi’anii to'annoo jala oolan.

Amnastii Intarnaashinaal dabalatee jaaramayoonni kabajamuu mirga namoomaaf falman kanaan dura dhiironni kun akka gadhiifaman duula gaggeessaa turan. Amnastiin ibsa bara darbe baaseen soba dhugaa fakkeesuun himata irratti banamee balaaleffatee jira. Gareen mirgaaf falmu kun akka jedhetti, namoonni kun hawaasaa ayyaanaaf qopheessuuf yaaluun, mirga yaada ofii ibsachuuf qaban karaa nagaan hojiirra oolchuu isaaniitiin seeratti dhiyaachaa jiru jedha..

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG