Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Haleellaa Samii Irraa Yukreen Irratti Gaggeessaa Jirti


FAAYILII- Halleellaan Raashiyaan magaalota Yukireen keessatti gootu itti fufeera
FAAYILII- Halleellaan Raashiyaan magaalota Yukireen keessatti gootu itti fufeera

Haleellaa misaa’elaa Raashiyaan magaalaa galama mootummaaYukireen fi magaalota biroo guutuu biyyattii keessaaa irratti raawwatte hordofuun Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelenskyy walgahii gama marsariitiin Kibxata har’a hogganoonni biyyootii duroomanii Torba gagggeessan irratti dubbachuuf jiru.

Walgahii kana sa’aatii muraasa dura, Tajaajilli Balaa Tasaa Mootummaa Yukireen Zaapoorizhiyaa keessatti haleellaa misaa’elaa haaraa danuun gaggeeffamuu fi yoo xiqqaate nama tokko ajjeesuu gabaaseera.

Kiiv fi naannolee birootti sakeekkachiisi haleellaa qilleensa irraa dhaga'amee jira. Bulchaan magaalaa Lviv haleellaan misaa'elaa achitti gaggeeffame tajaajila humna eleektrikaa fi bishaanii addaan kutee jedhan.

Zelenskiin wiixata kaleessaa akka jedhanitti Yukireeniin sodaachisuun hin danda’amu, akkasumas haleellaan Raashiyaa sodaa uumuu caalaa addunyaan guutuun akka dhimmicha akka hubatu taasisee jira jedhan.

Humna keenya hidhate cimsuuf waan hunda ni hojjenna kan jedhan Zelenskiin,dirree waraanaa caalaatti diinaaf akka dhukkubbii akka ta;u ni taasifna jedhan.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Anaatoolii Antoonoov oduu gabaastotaaf akka ibsanti, gargaarsi waraanaa biyyoonni gama dhihaan Yukireeniif dabalataan kennamu haala jiru daran kan hammeessuu fi Raashiyaa fi Neetoo gidduutti walitti bu’iinsi akka uumuu malu hubachiisan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG