Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Namoota Mormiif Ba’an Irratti Tarkaanfii Fudhachuu Itti Fuuftee Jirti

Suuraa naddi Oduu AFP Iraanii ala jiru argatee namoota hiriira bahan doqidoqee yeroo guban agarsiisu, Onkoloolessa 8, 2022
Suuraa naddi Oduu AFP Iraanii ala jiru argatee namoota hiriira bahan doqidoqee yeroo guban agarsiisu, Onkoloolessa 8, 2022

Iraan Kibxata har’a naannolee Kurdoota kan biyyattii dhihaa keessatti mormii ka’e irratti tarkaanfii fudhatte cimsitee jirti.Mormiin kunis, sababaa dubartii ganna 22 poolisiin naamusaa dheekkamsitee to’annoo jala oolte du’uu isheetiin ka’e jedhu roogeeyyiin

Poolisiin jeequmsaa dhaabsiisan, yoo xiqqaate naannoo tokko kan magaalaa guddoo bulchiinsa Kurdistaan -Sanandaj keessatti dhukaasa banan. Gareen mirga namoomaa Amnesty International fi gorsaan nageenya biyyoolessaa kan Waayit Haawus hokkarri kun namoota du’a shamarree sanaan mufatan irratti qiyyaafachuu isaa qeeqaan.

Gama biraatiin hojjettoonni boba’aa tokko tokko wiixata kaleessaa mormii isaanii warshaalee boba’aa itti calalan fi ijoo lamatti keessatti gaggeeffametti dabalaman.

Mootummaan Iraan Aminiin haala hamaan akka hin ilaalamne cimsee kan dubbatu yoo ta’u, maatiin ishee garuu qaamni ishee madaa’uu fi mallattoolee reebichaa biroo agarsiiseera jedhu.

Viidiyoowwan sana booda mul’atan humnoonni nageenyaa kanneen aguuggii mataa isaanii cicciran ituu hin hafiin dubartoota hiriiran marreebaa fi daddrbataa akka turan agarsiisa.

Forum

XS
SM
MD
LG