Mootummaan naannoo Amaaraa Itiyoophiyaa keessatti kan hojii irra oole sirna qormaata Itiyoophiyaa irratti duula geggeessamu mormee jira. Ibsi sun kan ba’e naannolee tokko tokko keessatti barattoonni lakkoobsi isaanii hin mirkanaa’in qormaata kutaa 12ffaa dhiisanii ba’uun ennaa dhaga’ametti.
Itiyoophiyaan barattoonni gara Yuniversitiiwwanii dhaqanii qormaata akka fudhatan gochuu dhaan yaalii isee qormaati akka hin hatamne gochuu barana cimsitee jirti. Kana dura qormaati biyyoolessaa manneen barnootaa sadarkaa lammataa keessa kan jirani waaltaalee qormaataa keessatti geggeessamaa ture. Haa ta’u malee hojiin kun Yuniversitiiwwan hanga tokko keessatti hojii danqee jira.
Yuniversitii Baahir Daar keessatti ennaa barattoonni qormaata dhiisanii ba’an hojiin jiru danqamee jira. . Yuniversitiin Jigjigaa gama isaan humnoonni nagaa eegsisan barattoota hookkara kaasuu yaalan bittimsuuf gaazii imimmaansu gargaaramuuf dirqamuun gabaasamee jira. Barattoota irra miidhaa xiqqoon ga’uu prezidaantiin Yuniversitichaa VOAf ibsaniiru jedha gabaasi Asteer Misgaanaaw.
Forum