Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Ga’iin Biraasels Keessatti Geggeessamu Yukireeniif Humna Ittisaa Cimsuu Irratti Fuuleffata


FAAYILII - Minstira Ittisaa Yukireen fi Ministira Ittisa Biyyaa Yunaaytid Isteets walgahii ministiroota ittisaa NATO irratti, Onkoloolessa 12, 2022
FAAYILII - Minstira Ittisaa Yukireen fi Ministira Ittisa Biyyaa Yunaaytid Isteets walgahii ministiroota ittisaa NATO irratti, Onkoloolessa 12, 2022

Ministiriin ittisaa Yukireen wal gahii isa dhiyeenyaa garee quunnamtii ittisaa Yukireen Yunaayitid Isteetisiin durfamu Roobii har’aa Biraaselsitti gaggeeffame gabaabsuuf kan jiran yoo ta’u, ministiroonni ittisaa NATOs achitti wal ga’uu dhaan Yukireen weerara Raashiyaa of irraa ittisuuf lola geggeessitu akkamitti akka deeggaran irratti mari’achuuf jiru.

Muummichi barreessaan NATO Jens Stoltenberg Roobii har’aa gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, deggersa Yukireeniif taasisamu attamiin cimsuun akka danda’amuu fi kan dursi kennamuuf ijoon Yukireeniif humna ittisa qilleensaa dabalataa dhiyeessuu akka ta’e ibsaniiru.

Stoltenberg akka jedhanitti walgahiin kun “nageenya keenyaaf yeroo murteessaa ta’etti” kan dhufe yoo ta’u, torbanneen muraasni darban erga weerara Guraandhala keessa raawwatamee booda kan waraanni keessatti hammaate jedhan. Michoonni NATO Yeroo hagamii iyyuu yoo fudhae Yukireen deeggaruuf qophii ta’uu isaanii ergaa dabaranii jiran.

Hoggantoonni garee biyyoota industirii ijoon torbaa, Kibxata kaleessaa pirezidaantii Yukireen Volodymyr Zelenskyy waliin yeroo muddamaatti gama viidiyoon wal arganii, Raashiyaan magaalota Yukireen irratti haleellaa misaa’elaa itti fuftee booda, hagamuu haa fudhatu maatiiwwan Yukireen waliin ciminaan akka dhaabatan waadaa seenaniiru.

Hoggantoonni G-7 wal ga’ii gama viidiyoon geggeessaniin booda ibsa kennaniin, Zelenskii“deeggarsa Yukireen abbaa biyyummaa ishee kabachiisuuf qabsuu gootu keessatti deggersa kennuu dhaaf waadaa galle irratti cicha qabaachuu isaani Zeleneskiif mirkaneessaniiru. Moskoo “haleellaan utuu adda hin baasin ummata nagaa irratti raawwattu yakka waraanaa ti jedhan. Hoggantoonni G-7 , Pireezidaantii Vlaadmir Puutiin fi namoota itti gaafatamummaa qaban akka itti gaafatman goona jedhan. Biyyoonni G-7 , Yunaayitid Isteetis Jarman, Biriteen, Faransaay, Xaaliyaanii, Kaanaadaa fi Jaappaan of keessaa qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG