Walwaraansaa kaaba Itiyoophiyaa keessatti umnoottan mootummaa feederaalatiif Adda bilisummaa Ummata Tgiraay/ABUT gidduutti taasifaa jiruu marii karaa nagaatiin hiikuudhaaf mootummaan qophaawaa ta’uu isaa ministeerrii dhimaa alaa Itiyoophiyaa ibsaa guyyaa har’aa kenneen beeksisee jira.
Dubbii himaan Minsteeraa dhimmaa alaa Ambaasadar Melles Alem ibsaa kenaniin mootummaa balbala karaa nagaa akka hin cufne ibsaanii, prezidaantiin biyyatti Saahileworq Zewudee tibbana mana maree biyyatii irratii ibsaa kennaniin ijjanoo mootummaa mirkaneesuu isaanii eeraniiru.
ABUT fi mootummaan rakkinichaa karaa nagaatiin hiikuudhaaf fedhii dhabuu irratti wal balaalefachuu yeroo itti fufanii jiran kanatti, dubii himaan ABUT Geetachoo Raddaa ibsaa fuulaa tiwuutarii irratii kennaniin umnoottan mootummaa Itiyoophiyaa fi waraanii motummaa Eertiraa guyyoottan kudha shaman darbaniif Tigraay keessatti haleellaa raawwachaa akka jiran himanii jiru.
Obbo Geetachoon itti dabaluudhaan, Waraanii mootummaa akka alaala irraa himaa jirutti ittu hin ta’in adda waraanaatti akka hin milkoofnee ibsani, siviilotaa irratii xeyyeefatee haleella raawwachaa jiraachuu isaa himuun isaanii gabaasameeraa.
Awustiraaliyaa,Deenmaark, Jarman, Niizerlaad,Yunaayitid kiing damii fi Yunaayitid Isteets dabalatee biyyootaan Jaha kaleessaa ibsaa waloo baasaniin gareewwan walwaaraansicha keessatti hirmaachaa jiran haalduree malee lola dhaabaanii atattamaan akka gara marii nagaatti deebi’an gaafachuu isaanii gabaasinii Kenedy Abaatee Ibsee jira.
Forum