Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonii Itiyoophiyaa Miiliyoonatti Lakkawaman Barana Barnootatti Hirmaachuu Akka Hin Danda’iin Ministarri Barnootaa Beeksise


Ministry of Education Ethiopia
Ministry of Education Ethiopia

Barattoonii Itiyoophiyaa miiliyoonatti lakkawaman sababa waltii bu’insaa biyyatti keessa jiruu fi sababa balaa hongeetiin kan ka’e barana baruumsaa irratti himaachuu akka hin dandeenyee ministeerri barnootaa ibsee jiraa.

Dubbii himtuun ministeera barnootaa Ameleworq Hiziqi’el sagalee Ameerikaatti akka himanitti, baratoonii naannoo waltiibu’insaa keessatti argaman waan mannen baruumsaa wal waraansaan midhamaniif bakka itti baratan hin arganne. Akka ministeerri barnootaa ibsetti naannoolee Amaaraa fi Affaar keessatti mannoottan barnootaa 1300 tajaajilaa alaa ta’anii jiru.

Barattoonni bakkaawan hongeedhaan miidhaman keessaa jiraataan waan qe’ee isaanii gadi lakkisanii godaananiif galmaa’uu hin dandeenyee.

Akka gaabaasnii ministeera barnootaa ibsetti, wagga barruumsaa barana keessabarattoonni miiliyoonii 13 ta’an baruumsaaf hin galmoofne. Kanneen keessaa barattoonni miiliyoonii 6 ta’an kan galamaa’uu hin dandeenyee sababa walitii bu’iinsii, homgeenii fi lolaan jaarmiyaalee barnootaa irratti miidhaa geesiseefi.

Haalumaa walfakkaatuun, barattoonni biyyatti kutaa 12 onkoloolessa 18ti amma onkoloolessa 21ti qormaataa Saayinsii umamaa akka fudhatanifi qormaanni Sayiinsii hawaasaa kaleessa akka raawwateministeerri barnootaa beeksisuu isaa Gebreemikaa’el Gebremedihiin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG