Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Somaaliyaa Barreessaa Waldaa Gaazexessootaa Hidhuun Mormii Kaasee Jira


Faayilii-Aabdalla Muumin
Faayilii-Aabdalla Muumin

Mootummaan Somaaliyaa barreesaa waldaa gaazexessoota biyyatii hidhuu isaa akka mormani fi akka gadi lakkisamuu akka gaafachaa jiran prezidaantiin waldaa gaazexessoota Somaaliyaa Mohaamad Ibraahiim ibsuun isaaniin gabaasamee jira.

Ahimad Mohaamed Moqaadishoo irraa akka gabaaseetti haanga’oonii mootummaa barreesaa waldaa Gaazexessota Somaaliyaa Abdal Ahimed Muumiin qibxataa dheengaddaa naanno buufataa xiyyaaraa moqaadishoo irraa qabanii hidhanii jiru.

Umnoottan mootummaa gaazexessichaa hidhuu dursaanii wajjiraa waldaa gaazexessoota seenuudhaaf yaalii gochaa turuu isaanii kan ibsee gabasnii kun , tarkaanfiin hidhaa fudhatamee kun akka midiyaaleen waa’ee garee hidhatootaa Al Shabaab hin gabaasine ajaja mootummaa biyaatti dabarseen kan walqabatee ta’uu akka danda’u xiinxaltoonni ibsuun isaanii beeksiseera.

Ministeerri odeeffanoo biyyaatti ajaja dabarseen gabaasaa waa’ee Al Shabaabfaarsu dhiheesuun akka hin danda’amne beeksisuu isaatiin allatti, fuulaalee midiyaa hawaasaa 40 ta’an uguruun isaa beekameeraa.

Tarkaanfiin mootummaa kun farraa walabummaa preesiti jechuudhaan waldaan gaazexessoota Somaaliyaa fi dhaabileen miidiyaa Sadii mormuun isaanii beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG