Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yugaandaa fi Gamtaan Dhaabbata Fayyaa Waliin Talaalii Iboolaa Ittisu Kennuuf Jiran


HEALTH-EBOLA/UGANDA-VACCINATION
HEALTH-EBOLA/UGANDA-VACCINATION

Mootummaan Yugaandaa dhaabbata fayyaa adduunyaa waliin ta’uudhaan talaaliwwan dhibee Iboolaa akaakuu sudaan ittisuudhaaf gargaaruu kennuudhaaf karoorfachuun isaa gabaasameera.

Dhibee Iboolaa Kanaan anaalee Shan keessaatti namoonii 19 du’anii, 54 kan ta’an immoo vayiresichaan qabamuu isaanii kan ibsee gabaasinii Haliimaa Atumaanii, ministiroonni fayyaa biyyoottan Afrikaa 11 akkaataa waloodhaan dhukubichaa ittisuu danda’an irrattiwalagahii atattamaa kan guyyaa tokko Roobii kalesaa taasisuu isaanii beeksiseeraa. Walgahicha boodee kan ibsa kennan Daarektarri WHO dhibeen Ibolaa haaraan kun yaaddesaa ta’uu isaa ibsanii jiru.

Ministirri fayyaa Yugaandaa doktoor Jeen Ruut Aseengoduu gabaastotaaf ibsaa kennaniin, dhukubichaa ittisuudhaaf akaakuun talaallii lama qophaa’uu isaa ibsanii tokko biyyaa Biriteen dhaabbata Oksifoord irraa , tokko immoo Yunaayitid Isteets dhaabata talaalli Saabii jedhamu irraa akka ta’ee himaniiruu. Talaalliin lammanuu torbanii dhufuu keessaa akka Yugaandaa seenaniifi yemmuu eeyyamaa mootummaa biyyatti argatan akka hojii irraa olfaman ministirri fayyaa Yugaandaa himuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG