Lolaa roobaa biyyaa naayijeeriyaa tibbana muudateen yoo yarate namoonni dhibbi Shan du’anii namoonni Miiliiyoonii 1 .4 kan ta’an immoo qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii haanga’onii mootummaa biyyatti ibsanii jiru.
Timootii Obiizuu Abuujaa irraaakka gabaasetti balaa kutaalee biyyatti waliin gahe Kanaan mannootaan jireenyaa kuma 90 ta’an tajaajilaan ala ta’aniiru.
Ministira dhimma namoomaa fi bulchiinsaa balaa ti barreesaa dhaabbataa kan ta’an Naasiir Saani Gwaarzoo akka gaazexessotaatti himanitti balaa Kanaan namoonni 1500 yoo madaa’an, kutaa biyyaa naayijeeriyaa 36 keessaa kutaalee Shan keessatti laftii qotiinsaa akka jirutii mancaa’era.
Baraa 2012 as yeroo jalqabaatiif lolaan hamaa ta’e kun kan umame roobaa cimaa ta’ee fi hidhi bishaanii biyyaa olla kaameeruun kessa jiruu gadi lakkisamuu isaatiin akka ta’e haanga’oonii biyyaa Naayijeeriyaa ibsanii jiru. Balaa lolaa bara 2012 Najeeriyaa muudateen namoonii 363 du’anii,namoonni Miiliyoonii 2.1 ol ta’am immoo qe’ee isaanii irraa akka buqqa’an Ajaanse Fraans Prees gabaaseera.
Forum