Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walloo Kaabaa Dhuka’aan Lafa Jalatti Hafee Jiru Jireenya Hawaasaaf Sodaachisaa Ta’uun Gabaasame


FAAYILII - Namoota naannoo Amaaratti sababa waaaanatiin qehee irraa buqahan, Dasee, Hagayya 23, 2022
FAAYILII - Namoota naannoo Amaaratti sababa waaaanatiin qehee irraa buqahan, Dasee, Hagayya 23, 2022

Naannoo Amaaraa godina walloo kaabaa keessatti dhuka’aan lafa jalatti hafee jiru namoota hedduuf yaaddoo ta’ee jira.

Akka angawoonni naannoo jedhanitti keessumaa kaaba Itiyoophiyaatti Hagayya 24 waraanni erga deebi’ee ka’ee booda, naannolee wal waraansi hamaan itti geggeeffame keessa lammiiwwan jiraatan jireenyi isaanii balaa keessa jira.

Itti gaafatamaan ajaja poolisii godina Walloo kaabaa komaander Temesgeen Biresaaw VOAf akka ibsanitti magaalaa Qobboo keessatti kan argamu keellaa mana jireenyaa tokko keessatti boombiin waan dho’eef, angawaan naannoo tokko yoo du’an jiraattonni ka biroon afur madaa’aniiru.

Komaanderichi akka jedhanitti dhukaatonni hafanii jiran hojii qonnaa irra dhiibbaa geessiaa jiru. Qonnaan bultoonni hangi tokko lubbuu isaaniif sodaachuu dhaan hojii qonnaa irraa of qusataa jiru jedhan jechuu dhaan Mesfin Arraagee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG