Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yukireen Raashiyaan Lammiiwwan Ishee Akka Huuruu Qawweetti Itti Fayyadamti Jedhan


FAAYILII - Prezidaantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii af-gaafii Rooyters wajjin godhan irratti, Kiyiv, Yukireen, Fulbaana 16, 2022
FAAYILII - Prezidaantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii af-gaafii Rooyters wajjin godhan irratti, Kiyiv, Yukireen, Fulbaana 16, 2022

Guyyoottan sadan darban keessa humnonni deggertoota Raashiyaa kutaa Dooneetsk keessatti kan argamtu gara magaalaa Baakmuuti-tti tooftaa dhaan socho’aa jiru jechuu dhaan ministriin ittisaa Biriteen weerara Raashaa ilaalchisee jimaata har’aa fuula twitter isaa irratti ragaa basaasaa barreessen beeksisee jira.

Qaamotiin murna waraanaa 2ffaa milishoonni deggertoota Raashaa kanneen naannoo Luhaansk, magaalattii gara kibbaatti kan argaman gandeen Optiinii fi Vaangiraad-tti illee tarkaanfachuu hin oolu jedha ragaan barreeffame sun. Jalqaba baatii Adoolessaa irraa qabee waraana idilee ykan adda baatota Raashiyaan gandeen qabaman yoo jiraatan xiqqoo turan.

Haa ta’u male jedha gabaasichi kampanii waraanaa dhuunfaa garee Waaginer jedhamuun humni hoogganamu naannoo Doonbaas keessatti milkaa’ina hanga tokko argatanii jiran. Gareen Waaginer lola Baakimuut keessatti hirmaannaa ol aanaa qabaachuun hin hafu.

Gama biraan prezidaantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii ibsa guyyuu kennan kan kamisa kaleessaa irratti akka dubbatanitti, Raashiyaan ijoollee ishee dhiiraa kumaataman laka’aman gara adda waraanaatti ergaa jirti. Leenjii waraanaa guddaa hin qaban jedhan.

Lammiiwwan Raashiyaa dadammaqiinsi kennameefii ga’an kun lola kana keessa yoo xiqqaate torbanneen xiqqoof lubbuun turuu danda’u, sana booda ni du’u, achii immoo warri haaraan gara adda waraanaatti ergamu jeneraalonni Raashiyaa uummata isaanii akka huuruu qawweetti itti fayyadamu jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG