Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigraay Keessatti Hojjataan Gargaarsaa Dho’insaan Ajjeefameera, Itiyoophiyaanis Gadda Ishee Ibsite 


FAAYILII - Taankii waraana mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay eddutti geggeefamu irratti barbadaahe, Magaala Kasagitaa, naannoo Afaar, Guraandhala 25, 2022
FAAYILII - Taankii waraana mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigraay eddutti geggeefamu irratti barbadaahe, Magaala Kasagitaa, naannoo Afaar, Guraandhala 25, 2022

Sambata dabree hojattoota isaa kana gargaarsa dhala naamaa Tigraay keessaan jiran keessa tokko ajjeefmuu koreen Intaranaashinaal Reskiwuu Komiteeykn (IRC) jedhamu beeksisee jira.

Jimaata dabree shireE keessatti dubartootaa fi daa’immaniif gargaarsa dhala namaa kan lubbuu isaanii baraaruu raabsaa ituu jiruu hojjataan isaanii kun dhohinsa dhaqqabeen ajjeefame jedha ibsii gareen kun baase.Hojjataan gargaasa dhala namaa kan biraan immo haleellaa kanaan madaa’uu isaa ibsamee jira.

Hojjettoota gargaarsaa fi lammiilee nagaa irratti, gonkumaa qiyyaafatamuu ta’u hin qabu jechuun ibsa baaseen hubachisee jira.Sagantaan nyaata addunyaa (WFP) beekaa hojiwwan gargaarsaa gaggeeffaman irratti qiyyaafachuu kam iyyu kan balaaleefatuu ta’u fi waamooleen walitti bu’iinsa kana keessa jiran martii, dirqama seera gargaarsa dhala namaa kan addunyaa akka kabajan akkasumas eegumsa akka godhan gaafatee jira.

Gama kaaniin Torban dabree Tigraay keessatti haleellaa gaggeeffameen hojjataa gargaarsaa tokko dabalatee siviloota 3 irratti midhaa dhaqqabeef akkaan gadduu isaa mootummaan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Midhaan kamiin iyyu hojjattoota gargaarsa dhala namaa dabalatee kan siviloota irratti dhaqqabuu akkaan kan isa gaddisiisuu ta’u tajaajiillii kon munikeeshinii mootummaan Itiyoophiyaa ibsee, haala akkasii uumaman kan qoratu ta’u hubachisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG