Barreessaan Muummeen Tokkummaa Mootummootaa Anatooniyoo Guterez, haala Itiyoophiyaa keessaa ilaalchisuun har’a gaazzexeessotaaf ibsa kennanii jiru. Haallii itiyoophiyaa keessaa to’annaan ala ta’u isaa kan ibsan Gutarrees, walitti dhufeenyaa hawaasaa caccabee jira jedhan.
Hokkarrii Tigraay keessaa ammuuma dhaabachuu akka qabu, kunis waraani Ertraa Tigraay gadhisee ba’u akka dabalatuu, sivilootaaf eeguumsii taasifamuu akka qabuu fi barbaachisummaan gargaarsaa kan Tigraay keessaa rifaassaa ta’u dubbatan.
Kana malees Gutarrees Haawaasnii addunyaa amma walii wajjiin hojjachuu akka qabuu fi furmaannii waan kanaa kana gama hidhannoo akka hin taane oduu gabastoota biraa gaaffii ka’eef ibsanii jiru.
Forum