Xurree ittiin seenan

Breaking News

Osuma As Teenyuu Iddoo Kana Irraa Hin Fagaannetti Immoo Hokkaratu Gaggeeffamaa Jira: Maayik Haamar 


FAAYILII - Magaala Baahir Dar
FAAYILII - Magaala Baahir Dar

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Yunaaytis Isteetes Maayik Hammar walitti bu’iinsi Itiyoophiyaa kaabaa keessatti adeemsifamaa jiru akka dhaabbatu gaafatan.

Rakkinni jiru dhaabbachuu qaba, mariinis jalqabamuu qaba,jedhanii, deemasa nageenyaa gamtaa Afrikaan gaggeeffamu deeggaruuf hojjechaa jirra " jedhan ergamaan addaa kun.

Ergamaan addaa kun kan kana jedhan, waltajjii sadarkaa olaanaa xaanaa kan waa’ee nageenya Afrikaa keessaa ykn Xaanaa Foram jedhamee waggaa waggaan magaalaan Baahirdaar qopheessitu irratti ture.

Magaala bareedduu fi waan gaariin mul’atu fi mijataa ta’e kana keessa teenye, naannoo’uuma kana keessalafa asii irraa-fagoo hin taaneetti, hokkara gidiraa hin dubbatamiin, du’a, mancaatii akkasumas dubartoota, dhiironnii, ijoollee miti jeequmsi gidiraa, du'a, badiisa hin jedhamne, dubartoonni, dhiira , daa'imman du'aa jiru jechuun ibsan Hammer.

Waltajjiin bara kanaa hoggantoota Afrikaa, murteessitootni fi qooda fudhattoota furmaata nageenyaa Afrikaan durfamu bobbaasuu dhajedhan qindeessitoonni.Gama biraan prezidaantiin mana maree abbaa biyyuummaa Sudaan Abdeel Fattah Al Burhaaniin walgahii kana acinatti mummicha ministeera Abiyyi Ahmad waliin waa’ee biyyoota lameenii dubbatanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG