Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qondaallii Waladaa Gaazexeessoota Somaaliyaa Mana Murtii Duaratti Dhiyaatan


Maappii Kismaayyoo agarsiisu
Maappii Kismaayyoo agarsiisu

Gaazexxeessaa Somaaliyaa beekamaan Abdalle Ahmad Mumin torban dabree himata nageenya waliin wal qabateen erga hidhamee guyyaa 6 booda, wabiin gadhifamee jira.

Abdalle Ahmed Mumin, barreessaan olaanaa kan waldaa Siindikeetii Gaazexeessitoota Somaalee( SJS) jedhamu yoo ta’u firoota isaa daawwachuuf gara Keeniyaatti imaluuf ituu jedhu buufata xiyyaaraatti qabamee erga hidhamee booda, Dilbata kaleessaa mana murtii duratti dhiyaate.

Raadiyoon sagalee amerikaa akka ijaan argeetti, Mumin seeraaf abbomamuu didee jedha himatii irratti dhiyaate.Waajirri Abaan alangaa biyyatti ministeera odeeffannoo somaaliyaa bakka bu’uun Gaazexxeessaa kana irratti, himata dhiyeesse.

Kunis, qaajeelafama haaraa ba’e kan Gaazexxessoonni Somaaliyaa garee hidhattoota Islaamuummaa kan Al shaabaab ilaalchisee akka hin gabaafne dhorku sana waliin himata hidhata qabu irratti dhiyeese.

Prezidaantiin waldaa Gaazexxessoota somaaliyaa Mohammeed Ibraahiim Sagalee Ameerikaaf bilbilaan akka ibsanti, himannaan Mumin irratti dhiyaate kan sobaa fi fakkeessaa fi midiyaa walaba afaan qabsisuuf kan ta’eedha jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG