Naayjeriyaa keessatti balaa loolaa hamaa waggoota dabran kudhan keessatti mudatee hin beekneen, namoonni 600 ol ta’an du’u lakkoobsii Dilbata kaleesssaa argamee hubachisee jira.
Balaan kun, namoota miiliyoona 1.3 ol ta’anis manaa fi qe’ee isaanii irraa akka godaanan kan dirqisiise ta’uu ibsi ministeera dhimma gargaarsa namoomaa Naayijeeriyaa Tiwiitara irratti baase hubachisee jira.
Wanti gaddisiisaan Onkolooleessa 16 bara 2022 kaasee lubbuun namoota 603 darbuu isaati kan jedhan ministeerattiin ministrii dhimmootii gargaarsa dhala anamaa Naayjeriyaa Saadiyaa Faaruuq lakkoobsii kun torban dabree 500 ture jedhan.
Garu mootummoonni kutaalee hangii tokko qophii waan hi turreef lakkoobsii kun hanga tokko dabaluu danda’ee jira jedhan.
Kana malees manneen jireenyaa 82,000 ol akkasumas laftii qonnaa Heektaara kuma 100 fi kumnii 10 ta’u barbadaa’uu Faaruuq ibsanii jiru.
Forum