Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Caasaa Deddeebii maallqaa Al-shabaab Ijoo Ta’e Irra Uggura Keesse


FAAYILII - Haleellaa Al Shabaab geechise booda jiraatonni yeroo bakka miidhame keessa deeman, Moqaadishoo, Hagayya 21, 2022.
FAAYILII - Haleellaa Al Shabaab geechise booda jiraatonni yeroo bakka miidhame keessa deeman, Moqaadishoo, Hagayya 21, 2022.

Yunaayitid Isteets garee al-Qaayidaa Somaaliyaa jiru irratti lola ishee babal’isaa jirti, haleellaa diroonii fi gorsa waraanaa humnoota U.S. lafarra jiran irraa qoqqobbii haaraa, bal’aa dabaltee jirti.

Ministeerri Maallaqaa Wixata kaleessaa qoqqobbii hoggantoota olaanoo al-Shabab afur akkasumas hojjettoota 10 irratti fuuleffate ifoomseera, martinuu neetworkii maallaqa walitti qabuu, loltoota bobbaasuu fi meeshaa waraanaa bituu keessatti kanneen qooda ijoo qaban ta’uun isaanii ibsameera.

Akka Yunaayitid Isteetis jettutti, neetworkiin kontirobaandii kun dhaabbilee kan mootummaa hin ta’in dabalatee maddeen adda addaa irraa maallaqa argachuun al-Shabab waggaatti tilmaamaan doolaara miiliyoona 100 akka maddisiisu gargaareera, kunis guddinaa fi dandeettii garee shororkeessaa kanaa cimsuuf gargaareera.

Ministriin maallaqaa Yunaayitid Isteets hoggantoota ijoo keessaa tokko Abdullaahii Jeeri, hogganaa bittaa meeshaa waraanaa al-Shabab jechuun adda baasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG