Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waajjirri Mirga Namaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Haleellaa Qilleensa Irraan Tigraay Irratti Raawwate Na Yaaddesse Jedha


FAAYILII -Tokkummaa Mootummootaatti Komiishinirri Dhimmootii Mirga Namoomaa Voliker Turki, Bitootessa 21, 2019
FAAYILII -Tokkummaa Mootummootaatti Komiishinirri Dhimmootii Mirga Namoomaa Voliker Turki, Bitootessa 21, 2019

Waajjirri mirga namoomaa kan tokkummaa mootummootaa haleellaa samii irraan uttuu adda hin basin naannoo Tigraay keessatti raawwatu hangi tokko kan isa yaaddesse ta’uu dubbi himaan jaarmiyichaa kibxata har’aa tuuta oduuf ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Hookkarri Tigraay keessaa naannolee hollaatti babal’atee loltoota Eertraa ofitti hawate siivilota kumaan laka’an yoo galaafatu miliyoonaan kanneen laka’aman qe’ee ofii irraa buqqise yoo ta’u kanneen kuma dhibbaan laka’aman beelaaf saaxiluu mala.

Tokkummaa mootummootaatti komiishinirri dhimmootii mirga namoomaa Voliker Turki, haleellaan samii irraan Tigraay irratti raawwatame namoota nagaa irratti kan geggeessamu dhiibbaa hamaa daran hammeessa jechuun har’a ganama akeekkachiisa kennaniin beeksisaniiru.

Dubbi himaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guterees ibsa kennaniif kaleessa deebii kan kennan gorsaan tika nageenya mootummaa Itiyoophiyaa Reedwaan Huseenfuula twetera iaanii irratti barreessuun kaleessa deebii kennaniin , walitti bu’iinsi sun akka hangi tokko bifa ka biroo qabsiisuu yaalan hammaataa kan adeemu miti. Kan inni hammaataa adeeme ennaa naannolee ka birootti babal’atetti ture. Amma garuu dhaamaa fi xiqqaataa adeemee jira. Gargaarsii fi tajaajilawwan yeroo dhiyoo itti fufuuf jiru jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG