Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan Mormitoota Irratti Haleellaa Gara Jabinaa Raawwattu Akka Qoratamu Gareeleen Mirga Namaa Gaafatan


FAAYILII - Hiriira mormii
FAAYILII - Hiriira mormii

Dhaabbileen mirga namoomaa 40 ol ta’an, Manni Maree gumii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa walgahii ariifachiisaa waamee tarkaanfii mootummaan Iraan mormitoota irratti raawwate irratti akka mari’atu gaafataa jiru.

Ibsi Wixata kaleessaa ba’e kun, du’a dargaggeettii waggaa 22 Masha Aminii ilaalchisee mormii guutuu biyyattii keessatti ka’eef deebii kennuuf jecha, Rippabilikni Islaamaa gara jabinaan ukkaamsuu ishee ilaalchisee yaaddoo qabaachuu ibseera. Aminiin ji'a darbe Tehraan keessatti rifeensa ishee sirnaan hijaabaan haguuggachuu dhabuu isheetiin poolisii naamusaatiin hidhamtee osoo jirtuu du'aan boqotte.

Dhaabbileen mirga namoomaa kun akka jedhanitti, humnoonni nageenyaa daa’imman dabalatee mormitootaa fi namoota achitti argaman irratti itti yaadanii rasaasa dhukaasuu dhaan haala nama jeequ agarsiisa.

Hiriira kana irratti yoo xiqqaate daa’imman 23 dabalatee mormitoonni 200 ol kan ajjeefaman yoo ta’u, mormitoonni, aktiivistoonni, gaazexeessitootaa fi barattoonni 1,000 ol ta’an ammoo walitti qabamuun to’annoo jala oolaniiru jedha ibsichi.

Amnestii Internaashinaalii fi Humaan Raayits Waach dabalatee gareewwan kun jarmayaan baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa UNHRC qaama walaba ta’ee fi qorannoo geggeessee, gabaasuu fi itti gaafatamummaa qabu akka hundeessu gaaftaa jiru.

Hawaasi addunyaa tarkaanfii hin fudhatu taanaan, dhiironni hedduun, dubartoonnii fi daa’imman du’a , miidhaa qaabaa, reebicha akkasumas haleellaa qaama isaanii irratti raawwatamuu fi hidhaaf kan saaxilaman ta’uu gareeleen kNamoonni mallatteessanis hawaasni addunyaa tarkaanfii fudhachuu yoo dadhabe dhiironni, dubartoonniifi daa’imman hedduun du’a, hir’ina qaamaa, dararaa, miidhaa qaamaa fi hidhaa akka irra ga’u ta’uu qaamoleen walii galtee kana mallatteessan dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG