Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Diroonii Iraan Keessatti Hojjatameen Haleellaa Yukireen Irratti Raawwachuun Mormii Kaasise


FAAYILII - Droonii gamoo Kiiyiv keessaa tokko dhahuusaa dura samii keessatti mullatu, Kiiyiv, Yukireen, Onk. 17, 2022
FAAYILII - Droonii gamoo Kiiyiv keessaa tokko dhahuusaa dura samii keessatti mullatu, Kiiyiv, Yukireen, Onk. 17, 2022

Yunaayitid Isteetis, Biriteen fi Faransaay dhimma Raashiyaan waraana Yukireen keessatti diroonii Iraan fayyadamte irratti gola naga eegumsaa kan tokkummaa akka mari’atu gaafataniiru.

Dippilomaatonni Kibxata kaleessaa akka jedhanitti gaaffiin kun walgahii cufataa Kibxata gaggeeffame irratti angawaan Tokkummaa mootummootaa mana marichaaf akka ibsan gaafachuu dabalata. Angawoonni Yukireen akka jedhanitti, dirooniin magaalaa guddoo Yukireen Kiiv dabalatee torban darbe keessa dirooniin haleellaalee sana irratti fayyadaman, diroonii Shaahid-136 jedhamuu fi kan Iraan hojjetame.

Iraan diroonii kana Raashiyaaf dhiyeessuu ishee kan haalte yoo ta'u, angawoonni Raashiyaas diroonii kana akka hin fayyadamne haalanii jiru.

Ministirri Ittisaa Istooniyaa Haano Peevkur Kibxata kaleessaa gaazexeessitootaaf akka himanitti, haleellaan diroonii dabalataa “magaalota Yukireen hedduu” irratti ni raawwatama jedhanii eegu.

Yukireen diroonii haleellaa raawwatan keessaa gara walakkaa kuffisuu dandeesseetti, garuu ammallee gargaarsa dabalataa akka barbaaddu Pevkuur himaniiru. Angawoonni Yukireen guyyoota darban keessa michoonni isaanii gargaarsa ittisa qilleensaa dabalataa akka kennan irra deebi’anii waamicha dhiyeessaniiru.

Ministeerri haajaa alaa Yukireen akka jedhetti torbee darbe keessa qofa diroonii Iraan keessatti hojjetame 100 ol ta’an warshaalee humna elektiriikaa, warshaalee bishaan xuraa’aa qulqulleessan, gamoo mana jireenyaa, riqicha fi ka biroo irratti fuuleffachuun magaalaalee keessatti haleellaa raawwataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG