Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fixiinsa Sanyii Ittisuuf Yeroon Isaa Darbaa Jira: Hoogganaa Jarmiyaa Fayyaa Addunyaa


FAAYILII- Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Dr. Tewodroos Adihaanoom
FAAYILII- Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Dr. Tewodroos Adihaanoom

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, Dr. Tewodroos Adihaanoom haala hamaa Ityoophiyaa naannoo Tigraay waldhabdee dhaan raafame keessatti Kibxata darbe balaaleffachuun, ''fixiinsa sanyii'' hambisuuf tarkaanfiin hatattamaa akka barbaachisu akeekkachiisaniiru.

“Addunyaan qiyyaafata gahaa hin kennitu,” jechuun waajjira hoogganaan WHO Jeeneevaa irraa gaazexeessitootaaf kennaniin, “Tigraay keessatti fixiinsa sanyii ittisuuf amma karaan jiru baayyee dhiphoo jira” jechuun cimsanii dubbataniiru.

Ofii isaanii naannoo kaabaa irraa kan ta’anii fi haala achitti mul’atu irra deddeebiin kan balaaleffatan Teediroos, “Tigraay keessatti itti yaadanii lammiilee nagaa irratti 'Haleellaa loogii malee' raawwachuun afaan diplomaasummaan dubbatamuun irra taree jira . -

Aadaan hawaasummaa manca’ee jira, namoonni nagaa gatii suukanneessaa kaffalaa jiru,'' jechuun "humnoonni Eertiraa hatattamaan Itoophiyaa keessaa bahuu fi hiikkachuu dabalatee diinummaan Tigraay keessatti uumame xumuramuu qaba" jechuun cimsanii dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG